Koree Qindeesituu Kutaa Magaala G/ Guddaa

Obbo Wayyamaa Burqaa Yaaddeessa
I/G Paartii Badhaadhina Damee Kutaa Magaala G/Guddaa
Paartiin keenyaa kaayyoo misooma arifataa ummannii sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamuu, ijaarsa sirna dimookraasi fi nageenya amansisaa itti fufinsa qabuu mirkaneessuuf kaawwate galmaan gahuu kan danda’uu keessoo isaa humna adda duree fi ergama ulfaataa kana gahuumsaan raawwachuu danda’uun cimsaa yoo deemee qofaadha.Waan kana taa’eefis, dandeettii raawwachisuummaa paartii keenyaa cimsuuf hojiin miseensa buleeyyii sochosuu fi haaraa horachuu bal’inaan ni hojjatama.

Obbo Abbaabaa Amansiisaa Angoos
I/G Siyaasaa Paartii Badhaadhina Damee Kutaa Magaala G/Guddaa
Jijjiramoota fi karoora biyyii keenyaa qabattee jirtu galman gahuuf hoggansaa fi miseensi paartii keenya humna siyaasummaa fi raawwachisummaa isaa dabaalaa fi cimaa akka deemuu itti fufinsaan akka hojjetamuu guyya guyyaan hordoffi wal irra hin cinne taasisu qabna.

Obbo Admaasuu Yaadaasa Ibsaa
I/G Ijaarsa Paartii Badhaadhina Damee Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Paartiin keenya imala Badhaadhinaa milkeessuuf qulqullina keessoo paartii cimsuuf, ilaalcha obbolummaa fi jaallummaa dagaagsuun gurmaa’insa paartii fi mootummaa gahee isaa bahaachuu danda’uu uumuun paarti fi mootummaa cimaa ijaaruuf hojjetamaa tureen milkaa’ina jiru itti fufsiisuuf hooggansi miseensi sadarkaan jiru hundi gahee isaa bahachuu qaba.

Obbo Filatoo Seefuu Qanaanii
Dareektara Ijaarsa Paartii Damee Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Gurmaa’insi Paartii cimaa Hajimaata fi Qajelfamaan ijaarame fi hojii siyaasaa, misoomaa, Nageenyaa fi Bulchiinsa gaarii milkeessuu irratti gaheen akka taphatuu hordoffii taasisa deemuu akkasumas ragaawwan hunda sirnaan sadarka hundatti qabatamu hordoffi wal irra hin cinne taasiisun barbaachisaadha.

Obbo Haabtamuu Araarsoo Yaayyaa
Daarektara Siyaasa Paartii Damee Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Olaantummaa siyaasaa paartii Badhaadhinaa mirkaneessuuf hojjiwwaan miidiyaa fi kominikeeshinii lafa qabsiisuun Rayyaa Midiyaa cima ijaaruu.

Adde Waynisheet Adaana Tafarii
I/G Komishinii Inspeekshinii fi Namuusaa Dame Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Komisiniin Inispeekshiniifi Naamusa Paartiin Badhadhinaa Damee Kutaa Magaala sadarkaa Kutaa Magaalatii kaasee hanga Gamtaatti hunda’uun isaa beekamaadha.Bu’uura kanaan, ka’uumsa qajeefamaa KIN keewwata 47 keewata xiqaa (1)-(5) taa’ee fi karooraa 2017 komishinichaa bu’uura godhachudhaan hojiin Gurmaa’iinsa paartii fi KIN haaluma qajeelfama tiin hojimmata isaa eegatee raawwatamaa jiraachuu isaa mirkanneessuun barbaachisaadha.Kanafuu Ispeekshinii Cimaa Paartii Cimaa Hundeessuun hojiin yeroo yeroon hojiimaata hojjatamu isaa sakatta’uu fi hojimaata akka lafa qabatu

Obbo Nugusuu Ayyaalew Mokonniin
I/G Faaynansii fi Bulchaansa Humna Nama Paartii Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Akkuma beekamu maddii galii paartii keenyaa buusii miseensota irraa sassabamuufi deeggartoota paartii keenyarraa seera faayinansii biyyaatti kan eeggaten kan sasabamuudha. Bu’uuruma kanaan akka Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti galii paartii seera faayinansii paartii eeggaten sasabamuu qaba.

Obbo Muusxafa Jamaal Cawaa
I/G Gurmuu Dargaggoota Paartii Badhadhadhina Dame Kutaa Magaala Galaan Gudda
“Dargaggoonni Humna Jijjirama,Utubaa Biyyaa fi Riqicha Hawaasummaati! Anniisa Guddaa Biyya Misoomsee Badhaadhinatti Ceesisuudha

Addee Beekii Eliyaas Oljiraa
I/G Gurmuu Dubartootaa Paartii Badhadhadhina Dame Kutaa Magaala Galaan Gudda
Gurmuun Dubartoota Paartii Badhaadhinaa kaayyoo Paartiin keenya guddina Siyaasa Diinagdee bu’uuraa itti fufiinsa qabu galmeesisuun misooma saffisaa Fi hiyyummaa balleessu akkasumas,biyya keenya biyyoota galii giddu-galeessa qaban waliin hiriirsisuuf sagantaalee misoomaa,Nageenyaa,Diimokiraasii Fi Bulchiinsa Gaarii qabaman hojiitti hiikuu keessatti sochii dubartootni keenya gama hundaan taasisaa Jiran olaanaadha